Kirkirri lafaa magalaa matahaaraatti deddeebiin mudataa jiru, hammaataa dhufu jiraattonni magaalatti himan. Kaleessa galgala kirkirri lafaa maagniitiwudii 4.3 mudatuu hordofee gaarri Fantaallee sigigaachuu fi magaalaa Matahaaraa keessatti raafama lafaa ture jedhameen dallaan manaa babbaqaquu jiraattonni himanii jiran. Bulchiinsi Aanaa Fantaallee, sababa Kirkira Lafaa Aanicha keessatti mudataa jira jedhameen, namootni kuma 20 ol qe’ee buqqa’uu ibseera.
Forum