Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Saayinsiin Fayyaa Mataasaatin Aartiidha” Dr. Naafyaad


Dr. Nafyaad Geetuu
Dr. Nafyaad Geetuu

Dr. Naafyaad Geetuu Yunvarsiitii Haramayaatti barsiisa. Hoospitaala magala Harar keessa jiru, Hiyiwoot Faanatti oggummaa fayyaatiin tajaajila. Madditti immoo waltajjii adda addaa uumee waayee fayyaa hawaasa barsiisaa jira.

“Saayinsiin Fayyaa mataasaatin Aartiidha,” an jedhu Dr. Naafyaad, “Afaan Keenyan Fayyaa Keenyaaf” dhaadannaa jedhuun fayyaa laalchisee mata duree baayyee irratti odeeffannoo dhiheessa.

Fuulli Fesbuukii Dr. Naafyaad Geetuu qofti, ji’atti namoota miliyoona 2.1 biraan odeeffannoo fayyaarratti xiyyeeffate akka gahaa jiru an ibsu Dr. Naafyaad, karaa interneeti- Feesbuukii, Yuutiwubtiif Teelegraamii, - warra maxxansa dubbisuu filataniifis torbanitti gaafa atokko karaa gaazexaa Barriisaa bira gaha. Kitaaba "Fayyaan Faaya" jedhus maxxansiisera.

Keessummaa Labataa, Dr. Naafyaad wajjin marii goone dhaggeeffadhaa.

“Saayinsiin Fayyaa Mataasaatin Aartiidha,” Dr. Naafyaad
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:31 0:00

XS
SM
MD
LG