Sirni Awwalchaa Shamarree Moodelii fi Beeksisaan Beekamtu, Kan  Qananii Addunyaa Roobii Har’aa Finfinneetti Raaw’atame

Your browser doesn’t support HTML5

Sirni Awwalchaa shamarree Qananii Addunyaa kan hojii modeliingii fi beeksisawwan garaa garaa hojjechuun beekamtu, har’a Roobii Bitootessa 12, 2025 magaalaa Finfinnee bataskaana Kaateediraalaa qulqulluu Sillaaseetti raawwateera.

SEE ALSO: Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame

Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa har’a baaseen, Shamarree Qananiin gamoo mana jireenyaa ishii darbii 5ffaa irraa “haala ammatti sababni isaa hin beekamneen” kuftee duute jedhe. Gareen qorannoo poolisoota hundaa’ee ragaan teekiniikaa fi foorensiikii walitti qabamuufi qorannoon itti fufee akka jirus dabaluun ibseera. Beekaa Atoomaa gabaasa qaba.