Kan Guyyoota 100'f Cufamee Ture Bulchiinsi Magaalaa Maqalee Garee ABUT, Kan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa'eliin Dursamuun Banamee Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Bulchiinsi Magaalaa Maqalee cufamee ture, Garee ABUT, Kan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa'eliin Dursamuun Baname

Waajjirri Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Maqalee guyyoota 100 booda har’a garee ABUT kan Debiretsiyooniin hoogganamuun kantiibaa muudameeruun banamera.

Kantiibaan pirezidaantii yeroo Tigiraay Getaachoo Radaan muudamee ture immoo addmsa fonqolcha mootummaa kan ta’e gareen kun humnaan waajjira kantiibaa cabsee itti galeera jedhe. Guyyuma har’aa gareen ABUT kan Debiretsiyoon buufta raadiyoo FM maqalee 104.4 garee hidhataniin deeggaramuun to’achuu isaa hojjetaan buufata raadichaa sagalee Ameerikaatti himeera.