Your browser doesn’t support HTML5
ABOn karooraa fi egerii itti deeman irratti galma bar-kumeetti ummataan wal mari'ate
Addi Bilisummaa Oromoo, Ammajii 12,2020 Finfinnnee galma “Miliniyeemii” keessatti sagantaa “Barii Finfinnee” jedhu, ka dhimma filannoo dhufaa jiruutti fuuleffate geggeessee ummataan wal mari'ate
Bu’ursitootaa fi hoogganoota dhaabichaa, hoogganoota dhaabota siyaasaa kanneen biroo fi ka dhaabota Itiyooophiyaa keessaa ka biroo sagantaa guddaa kana irratti argamnii jiran. Imaammata ABO ilaalchisuun kan haasawa godhan – Hayyu-dureen dhaabichaa – Obbo Daawud Ibsaa, “Tokkummaan Oromoo tokkummaa Itoophiyaattif murteessadha.
Kanaaf tokkummaa fi sabbonumaa Oromoo jeequun dhaabbachuu qaba,” jedhan.