Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa haaraan, Dr. Abiyyi Ahimed, Wixata dabre kana muudama isaanii irratti ennaa paarlaamaa Itiyoophiyaa fi uummata biyytiif haasawa godhan keessatti namoota biyyaa otuu mirga siyaasaa fi mirga dhala-namaaf falmanii ajjeesaman, ijoollee otuu umurii dheeraa hin jiraatiin karaatti kutamaniif dhiifama gaafatanii jiran.
Mootummaan isaanii rakkoo kanatti furmaata gochuudhaan akka isaan kiisullee dubbachuun waadaa seenan.
Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa, maatiileen namoonni isaanii humnoota mootummaan nu jalaa ajjesaman, jedhan dhiifama hoogganaa haarawa kanaan dhihaateef akkamitti simatan? Gara fuul-duraatti hoo maal irraa eegan?
Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
Your browser doesn’t support HTML5
Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa, rakkoo yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jirtu furuu irratti ejjennoo qaban ilaalchisee, mata-mataatti ibsa baasanii jiran.