Bulchiinsa Prezdaant Traampiin dhimma namoota iggitamanii irratti akka marii geggeessan an filataman, Adam Bohiler, Dilbata kaleesa marii dhaabata televijiinii CNN sagantaa "Isteet oof ze Yuuniyan" jedhu irratti dhihaatanii walgahiin dhiheenya kana bakka bu’oota garee Yunaaytid Isteetsiin toora garee shororkeessummaa jalatti ramadame, Hamaas ,wajjin godhan bu’a qabeessa akka ta’e ibsan.
Your browser doesn’t support HTML5
Mareen Garee Hamaas Waliin Geggeessite Bu’a-qabeessa Tahuu Yunaayitid Isteetis Dubbatte
''Torban muraasa keessatti wanti tokko walitti dhufuu danda'a jedheen yaada. Waan Hamaas barbaadu fi waan fudhatan edduutti waliigaltee uumuuf gahaadha jedheen amana, akkasumas waan Israa’el barbaaddu, fudhatama argateera. Lammille Amerikaa qabamanii jiran qofa odoo hin ta’in hidhamtoonni kan hundmumtuu akka gadhiifaman waligalteerra gahama jedheen yaada.” jedhan Bohiler.
Karaa biraatin, Israa'el mariif jila erguuf qophaahaa jiraachuu ibsitetti.