Your browser doesn’t support HTML5
Abbootiin Gadaa faluma falanii ABO fi ODP walii galchan
Gumiin Tokkumaa Aboota Gadaa Oromoo marii araaraa Kibxata, Amajjii 22, bara 2019 Adda Bilisummaa Oromoo fi Paartii Dimookiraatawa Oromoo gidduutti geggeessuun milkaa’inaan ABO fi ODP gidduutti gaggessee mikaa’inaan xumuramee jira.
Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo qoruma qoree ABO fi ODP walii galche
Marii kana irratti dhaabonni lamaan, wal-loluu dhaabanii, akka waliigaltee isaanii duraaniitti nagaa buusuu irratti hojjechuuuf waliigalanii jiran.
ABO fi ODPn walii galan
Waliigaltee dhaabota lameen giduu hojii irra oolchuufis koreen Abboota Gadaa fi Haadhota Siiqqee, hayyootaa fi bakka-bu’oota dhaabota lameenii of keessaa qabuu fi waliigalatti miseensota 71 hammate hundeessamee jira.