Gurmuun gameessotaa yokaan maanguddootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa fi Afrikaa ibsa kaleessa baasaniin, rakkoolee jireenya namoomaa fi miidhaalee mirga dhala-namaa Tigiraay keessatti geggeessamutti furmaata tolchuuf, Tokkummaan Mootummootaa fi Gamtaan Afrikaa hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaban, jedhan.
Your browser doesn’t support HTML5
Tokkummaan Mootummootaa fi Gamtaan Afrikaa Rakkoo Tigraay Keessaa Furuuf Akka Tarkaanfii Hatattamaa Fudhatan, Gameeyyiin Gaafatan
Gama biraatiin, Ministarri Dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Obbo Demmeqee Mokonnen, dheengadda hawaasa addunyaatiif, dhaamsa viidiyoodhaan dabarsaniin, mootummaan isaanii, rakkoo Tigiraay keessaaf deebii kennuuf hojiiwwan hojjetaa jiru ibsanii, “dhiibbaa akka malee wantoota jiran wal-xaxaa taasisan Itiyoophiyaa irra kaa’uun rakkoolee sana hammeessa malee furmaata hin tahu,” jedhanii turan.