Keeniyaa Keessatti Iddoon Bineeyyii Bosonaa Dhiphataa Deemuu Ogeeyyiin Beeksisan  

Keeniyaa Keessatti Iddoon Bineeyyii Bosonaa Dhiphataa Deemuu Ogeeyyiin Beeksisan 

Saboonni guyyaa lubbuu qabeeyyii bosona keessaa yeroo kabajaa jiran kanatti, turizimii bineensota bosonaa irraa galii guddaa kan argattu keniyaa keessatti, iddoowwan lubbuu qabeeyyii bosonaa jiran xiqqaachuu ogeeyyiin kunuunsaa kan biyyatti akeekkachiisaa jiru.

Waggoota kurna lamaan darban keessatti tattaaffiin kunuunsaa gosoota lubbuu qabeeyyii kanneen balaadhaaf saaxilaman hedduu akka dandamatan kan taasise yoo ta'u, bineensonni kun sababa balaa jijjiirama qilleensaa fi amala namaa balleessuu socho’uu irraa madden, bakka jireenyaa bal'aa dhabaa jiru jechuun roogeeyyiin akeekkachiisu.

Garuu carraa koridoorii bineensota bosonaa jedhamuun beekamu keessattis lafa naannoolee walqunnamsiisan sochii dhala namaatiin adda baafaman walitti fiduuf carraan akka jiru ibsan.

Gareen kunuunsaa koridoorii akkasii uumuuf yaalaa jiru tokko dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa “Lewa Wildlife Conservancy” jedhamu yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 260 fagaatee argama.

Dhaabbanni dhuunfaa Keeniyaa kun koridoorii dabalataa uumuuf kaayyeffate dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa Lewaa kan Keeniyaa kaaba keessatti hojjata.

Bineensonni bilisaan akka socho’an hayyamuu fi taateewwan waldhabdee namaa fi bineensota bosonaa gidduu hir’isuudhaan, koridooroonni akkasii guddina baay’ina bineensota bosonaa ni deeggaru.

Gareen kunuunsaa koridoorii akkasii uumuuf yaalaa jiru tokko dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa Lewa Wildlife Conservancy jedhamu yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 260 fagaatee argama.